chaayinaan-shaakala-waraanaa-‘akka-mala-adabbiitti’-naannawa-taayiwaanitti-eegalte

Chaayinaan shaakala waraanaa ‘akka mala adabbiitti’ naannawa Taayiwaanitti eegalte

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Sirni gaggeessaa pirezidanti fi qondaaltota Iraan balaa helikooptaraan du’anii Tbariiz irraa eegale

    Ibsa waa’ee viidiyoo, Thousands on the streets in Tabriz for Raisi funeral

    Sirna gaggeessaa har’arraa eegaluun hanga Kamisaatti itti fufu kun naannawa balaan kun itti mudate jedhamu magaalaa Tabriiz irraa eegaleera.

    Namoonni kumaatamaan lakkaa’aman daandiitti ba’aniiru. Garuu Pirezidanti Ra’iisii kan balaa tasaan lubbuu dhaban kana lammiilee biyyattii hundatu jaal’ata jechuu miti.

    Bara 1980oota keessa itti aanaa abbaa alangaa ta’uun kan hojjetaa turan gameessi duree amantii ta’uunis beekaman kun akkuma garee tokko gammachiisan garee kaan ammoo dallansiisuun seenaansaanii ka’a.

    Wayita abbaa alangaa ta’uun hojjetaa turanitti ”Koree Ajjeestotaa” keessatti miseensa turan.

  2. Miira walmakaa lammiilee Iraan du’a pirezdantii Ibraahim Ra’isiin booda

    Namoota gaddaa jian

    Madda suuraa, Reuters

    Ibrahiim Ra’isiin amanamummaa fi abboommii inni hogganaa olaanaadhaaf qabuun Iraan keessatti namoota ciccimoo Rippabiliika Islaamaa biyyattii biratti jaallatama turan.

    Haaluma walfakkaatuun ammoo, gahee inni ajjeechaa jumlaa hidhamtoota siyaasaa bara 1980mota keessa raawwatame keessatti qabuun lammiilee biyyattii hedduun ni jibbama. Akkasumas hirmaannii inni tikaafi sirna haqaa biyyattii kan mormii fi qeequmsa bulchiinsa islaamaa irratti dhiyaaturratti tarkaanfii cimaa fudhatu, keessatti waggoota 40 oliif qaban akka jibbaman isaan taasiseera.

    Ra’isii bara 1980mota keessa hundeessaa Rippabiliika Islaamaa Iraan kan ta’an Ayaatoolaah Ruhollaah Komeeniin miseensa koree hidhamtoota siyaasaa ilaalu taasifamuun muudaman. Boodarra ammoo, “koree du’aa” jedhamuun kan beekame koreen kun, dhaddacha murtii du’aa namoota dhibbaan lakkaa’aman irratti murteeffame dabarse.

    Hidhamtoonni siyaasaa 5,000 olis ni ajjeeffaman. Maatiin isaaniin attamiin, yoom ykn eessatti akka awwaalaman gonkumaa hin beekaman.

    Amma maatiiwwan yeroos firoonni isaanii murtee koree sanaan jalaa ajjeeffameetu du’a tasaa Ra’isii irratti gaddaa fi abdii kutannaa kan ibsan. Isaanis gochaa raawwateen guyyaa tokko mana murtii yakka idil-addunyaarratti seeratti ni dhiyaata jedhanii abadataa turan. Kun garuu amma hin taane.

    Deeggartoonni isaa miidiyaaleen mootummaa biyyattiirratti Ra’isii pirezidaantii namoota mirga hin qabneefi hiyyeeyyii akka turaniitti isaan ibsu.

    Bara 2021 yeroo itti jalqaba pirezidaantii ta’aniitti Ra’isiin gara kutaalee Iraan hedduutti imaluun manneen gatii madaalawaa miliyoonaan lakkaa’aman ijaaruun, qaala’iinsa jireenyaa hir’isuufi malaammaltummaa ittisuuf waadaa galan.

    Aangoo isaanii jalatti adeemsa dhimmoota mana murtii turan irratti riiformiiwwan muraasni taasifamuun, firoonni qondaaltoota mootummaa muraasni matta’aafi malaammaltummaan wal qabate hidhamanii ture.

    Kanaan alatti haalli diinagdee Iraan kan badaa adeeme yoo ta’u, mirga yaada ofii ibsachuu lammiilee fi koodii uffannaa dubartootaa irratti seera cimaa kaa’ame.

    Mormiitoora pirezidantii Ibraahim Ra'isii

    Madda suuraa, EPA

  3. Netaaniyaahun Gaazatti waraana qofa osoo hin taane tarsiimoo siyaasas qabaachuu qabu- US

    Ijoollee gamoo jijjige keessa jirtu

    Madda suuraa, EPA

    Gorsaaa nageenya biyyoolessaa Pirezidaant Baayidan, Jaak Suliivan dhimma waraana Gaazarratti Israa’el tarsiimoo siyaasaa qabaachuu akka qabdu ibsan.

    Jaak Suliivan daawwannaa Baha Giddugaleesatti taasisaniin, Israa’elitti goruun Muummee Ministeeraa Beeniyaamin Netaaniyaahuu waliin yeroo mari’atani ture kana kan dubbatan.

    Beeniyaamin Netaaniyaahun Gaazaatti waraana gaggeessan “tarsiimoo siyaasaa” wajjin wal-qabsiisuu qabu jechuun gorsan.

    Gorsaan nageenya biyyoolessaa kun Israa’el Gaazaatti waraana qofa osoo hin taane tarsiimoon siyaasas jiraachuu akka qabu kan ibsan Ministiirri Kaabinee Waraanaa Israa’el Beenii Gaantz, yaada wal-fakkaataa dhiyeessun Beeniyaamin Netaaniyaahuu erga qeeqanii guyyaa tokko booda.

    Gaazatti waraanni erga dhaabatee booda eenyun buluu qabdi, bulchiinsa sivilii akkamiitu jiraachuu qaba kan jedhurratti hanga ammaa imaammata ifa ta’e hin dhiyeessine.

    Kun ammoo Ameerikaa qofa osoo hin taane, kaabinoota isaanii tokko tokko osoo hin hafin mufachiisera. Beeni Gaantz Gaazan waraana Israa’elin buluu hin qabdu jechuun Gaazan waraana booda akkamitti buluu akka qabdurratti karoora ifa ta’e Netaaniyaahun yoo hin dhiyeessine aangon gadi dhiisa jechuun akeekkachiisanii ture.

    Bifuma wal-fakkaatun Ministiira Ittisaa biyyattii kan ta’an Yaa’ov Gaalant gaggeessan biyyattii Gaazarratti karoora ifa ta’e hin qaban jechuun qeeqanii ture.

    Netaaniyaahun garuu Hamaas guutummaatti injifachuurratti xiyyeeffachuu filatu. Kaabinoonni isaanii leellistoota ta’anis Israa’el Gaazaa humnaan akka bulchitu dhiibbaa gochaa jiru.

    Ameerikaan garuu kana akka hin deeggarre akkuma waraanni Gaazatti eegaleen ibsitee turtes. Ammas falmii qondaalota Israa’el gidduutti uumame kanarratti ijjannooshee ifa gochuus Jaak Suliivan garasitti erguun waraana qofa osoo hin taane Gaazarratti tarsiimoo siyaasaa qabaachutu isin baasa jechaanii jirti.

  4. Amma nu gahe, Joo Baayiden murtoo abbaa alangaa ICC Neetanyahuun akka to’ataman jedhutti mufachuu ibsan

    Joo Baayiden murtee abbaa alangaa ICCti mufachuu ibsan.

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa’ee suuraa, Joo Baayiden murtee abbaa alangaa ICCti mufachuu ibsan.

    Israa’el murtee ICC [Mana Murtii Yakkaa Idil-adunyaa] mormuuf wiirtuu ajaja addaa hundeessuuf.

    Pirezidaantiin Israa’el dogogora seenaa yeroo kamiyyuu yaadatamudha” jechuun murtee ICC Neetanyaahuun akka to’annoo jala oolfaman darbe morman.

    Joo Baayiden abbaan alangaa kun waan fedhe yoo jedheyyuu, ifa gochuudhaaf:

    ” Waanti Israa’elii fi Hamaas wal fakkeessu homtuu hin jiru, waan tokkoyyuu” jedhan.

    Yeroo hundayyuu waan nageenya Israa’elitti yaaddoo tahu jiraanaan Israa’el waliin dhaabbanna.”

  5. Israa’el mutree ICC mormuuf wiirtuu ajaja addaa hundeessuuf

    Ministirri Dhimma Alaa Israa’el erga Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC)n labsii isaa ifa taasisee booda, wiirtuun ajaja addaa akka hundeeffamu beeksisan.

    Israa’el Kaatz, gareen kunis murtee ICC, kan harka mootummaa Israa’el hidhuufi mirga ofirraa ittisuu dhorkuuf yaadameedha ta’uu himan, mormuuf kan hundeeffamu ta’uu dubbata.

    Kaatz tarkaanfii manni murtii, kan MM Israa’el fi hogganaa Hamaas Gaazaatti akka to’atamaniif ajaja hidhaa gaafate kunis, “haleellaa kallattii hin to’atamne” miidhamtoota haleellaa Onkoloolessa 7 irratti raawwachuu fi “salphina seenaa bara baraan yaadatamudha” jechuun waaman.

    “Addunyaa kanarraa humni Israa’el namoota butamanii fudhataman gara manaatti manatti deebiisuufi Hamaas akka hin kufiisne dhorka hin jiru” jedha.

    Itti dabaluunis, gita isaa addunyaa maratti argaman waliin mar’achuun murtee abbaa alangaa kana akka morman mirkaneessuuf karoorfachuus himan.

  6. Sirni awwaalchaa Raa’isii bor gaggeeffamuu jalqaba

    Miidiyaan mootummaa Iraan akka gabaasetti sirni awwaalchaa pirezidaantii Iraanii fi jila isa waliin balaa helikoopteraan du’anii Kibxata boruu gaggeeffamuu jalqaba.

    Reeffi Raa’isii gara Teehraanitti geeffama. Guyyoota torba itti aananiif Iraan keessatti agarsiifni aadaa kamiyyuu akka hin gaggeeffamneef dhorkameera.

  7. Puutin pirezidaantii yeroofi haaraa Iraan muudde waliin dubbatan

    Putin pirezidaantii yeroofii haaraa Iraan muudde waliin dubbatan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa’ee suuraa, Putin pirezidaantii yeroofii haaraa Iraan muudde waliin dubbatan

    Puutin hariiroo biyyoota lameenii cimaa ture itti fufsiisuuf pirezidaantii haaraa yeroof Iraan muudde Mohaammad Mookber waliin mari’ataniiru.

    Puutin pirezidaantii duraanii Iraan balaa helikopteraan du’an Raayisii ”michuu itti hirkatan’’ jedhanii ibsan.

    Rooyitarsi akka gabaasetti biyyootni lameen michummaa isaanii caalaatti cimsuuf waliin dubbataniru.

    Erga Raashiyaan Yuukireen irratti waraana bantee as Iraan michuu raashiyaa meeshaa waraanaan deeggartu jabduudha.

    Puutin du’a Raayisii akka dhagahaniin gadda itti dhagahame ibsatanii ”michuu Raashiyaa jabaa’’ fi ”nama siyaasaa cimaadha’’ jedhan.

  8. Lubbuu baraartonni bakka balaan dhaqqabee hurriin haguugame sakkattaa’aa jiru

    Suuraaleen haaraan hojjettoonni lubbuu baraarsuu bakka balaan helikoptaraa itti dhaqqabe kaaba dhiha Iraan keessatti lafa gaarreen keessa akka jiran agarsiisu.

    Akkuma kana dura gabaasne, xiyyaarichi naannoo magaalaa Varzaqanitti haala qilleensaa urriin haguugame keessatti kufe.

    Lubbuu baraarsitoota

    Madda suuraa, Reuters

    Caccabaa xiyyaaraa

    Madda suuraa, MOJ NEWS/EPA-EFE/REX/Shutterstock

    Hojjatoota gaarreeen irra imalan

    Madda suuraa, Reuters

  9. Iraan pirezidantii biyyattii balaa helikooptaraan du’aniif gadda guyyaa shanii labsite

    Gaggeessaan Olaanaa Iraan Ayaatolaa Alii Komaanii

    Madda suuraa, Reuters

    Gaggeessaan Olaanaa Iraan Ayaatolaa Alii Komaanii du’a pirazidantii biyyattii, Ibiraahim Ra’iisii hordofee gadda guyyaa shaniif turu labsan.

    Pirezidant Ra’iisiin ministira dhimma alaa biyyattii Hoseen Amiir-Abdollaahiyaan waiin helikoopitara gaarreen kaaba-lixa Iraan keessatti kufee caccabeen du’an.

    Miidiyaan biyyattii helikooptarri isaan keessa turan Dilabata kuftee caccabdee aanga’oonni kun du’uusaanii mirkaneesseera.

    Ayaatolaa Komaanii gadda isaanitti dhaga’ame “jaallatamoo ummata Iraaniif” ibsuu dubbatan.

    Du’a pirezidantichaa hordofee pirezidantiin itti-aanaa Iraan Mohaammed Mokahber yeroodhaaf itti gaafatamummaa yeroof akka ba’ataniif muudamaniiru.

    Mr. Mohaammed Mokhaber hoggantoota seera-baastotaafi raawwachiistota waliin ta’uudhaan guyooaa 50 keessatti filannoon pirezidantiin akka gaggeffamu hojjetu. Heera Mootummaa keessatti bakka Pirezidantii du’e tokko buusuuf yeroon kenname guyyaan 50.

    Kaabineen Iraan, itti-aanaa ministeera dhimma alaa Alii Baagherii akka ministirra dhimma alaatti akka hojjetuuf muudeera.

  10. TVn Iraan helikooptara caccabe mul’ise

    Ibsa waa’ee viidiyoo, Iran state TV shows helicopter crash debris

    Kaleessarraa eegalee bakka balaan kun itti mudate qaqqabuun akka rakkisaa ta’e mootummaan biyyattii ibsaa ture.

    Amma gaazexeessitoonni biyyattii garas imalanii achi jiru.

    Gaazexeessitoonni miidiyaa Iraan IRINN jedhamuu caccabaa helikooptaraa agarsiisaniiru.

  11. Chaayinaatti namoonni lama mana-barumsaa keessatti halbeen waraanamanii du’an

    nama waa barreessaa jiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Chaayinaa mana-barumsaa magaalaa Guhishii keessatti namoonni lama halbeen waraanamanii yoo ajjeefaman, 10 ammoo madaa’auu poolisii kutaa bulchiinsa kibba Chaayinaa Ji’aangishii hime.

    Namoota ajjeefaman keessa daa’imman jiraachuu ammatti ifatti hin baramne.

    Haleellaan kun akka sa’aatii bakka sanaatti waareerra (04:00 GMT) mana-barumsaa magaalaa Guhishe keessatti ture.

    Haaluma walfakkaatuunis bara darbe ji’a Hagayyaa keessa namni seenaa dhukkuba sammuu qabu tokko naannoo mana jireenyaa Yunnaan keessattis namoota halbeedhaan haleelee booda namoonni lama du’anii torba madaa’aniiru.

    Poolisiin akka jedhetti, haleellaan kun dubartii umuriin ishee waggaa 45 taate billaa fuduraa gargaaramteen raawwate. Dubartiin kun erga gocha kana raawatteen booda to’atamuu poolisiin fuula miidiyaa hawaasaarratti baaseera.

    Sababii manni-barumsaa Chaayinaa kutaa 6-12 barsiisu kun irratti xiyyeeffatameef wanti bekame hin jiru.

    Ji’oota dhiyoo asitti Chaayinaa keessatti halellaan billaan gaggeeffamu dabalaa dhufeera.

    Caamnsaa darbe keessa namni tokko hospitaala kutaa biyya Chaayinaa Yunaan jedhamu keessatti billaadhaan namoota lama waraanee ajjeesuun 21 ammoo madeessee ture.

  12. Manni-murtii olaanaa Afrikaa Kibbaa Zuumaan filannoorratti akka hin hirmaanne dhorke

    Jaakoob Zuumaa

    Madda suuraa, AFP

    Manni-murtii olaanaa Afrikaa Kibbaa pirezdaantii duraanii biyyatii Jaakoob Zuumaan filannoo waliigalaa torbee dhufu gaggeeffamu irratti miseensa paarlaamaa ta’uuf akka hin dorgomne dhorke.

    Manni-murtii Heera Mootummaa sababii tuffii mana-murtiitiin hidhaa kana dura ji’a 15f itti murtaa’eetiin ulaagaa guutuu akka hin dandeenye murteesse.

    Aab Zuumaan qorannoo malaammaltummaa yeroo pirezidaantummaa isaanii kan bara 2018 xumurame irratti ragaa bahuu diduu isaaniitiin bara 2021tti yakkamaa jedhamuun itti murtaa’ee ture.

    Zuumaan paartii biyya bulchaa jiru Kongiresii Biyyoolessaa Afrikaa (ANC) waliin erga wal dhabee booda, paartii uMkhonto weSizwe (MK) kan haaraa hundeeffame jalatti duula filannoo geggeessaa turan.

    Barreessaan olaanaa Paartii MK, Sihle Ngubane, paartichi murtii darbeen mufateera, garuu duula filannoo isaa irratti dhiibbaa hin geessisu jedhan.

    “Zuumaan hanga ammaatti hogganaa dhaabichaati. Inni [murtiin] duula keenya irratti tasumaa dhiibbaa hin qabu,” jedhan.

    Fuulli Aab Zuumaa filannoo Caamsaa 29 gaggeeffamuuf waraqaa filannoo irratti akka hafu Mr Ngubane itti dabaluudhaan himaniiru.

    Lammiileen Afrikaa Kibbaa paartilee siyaasaaf kan filatan yoo ta’u, kaadhimamaa tarree isaanii keessaa sadarkaa olaanaa irra jiran baay’ina sagalee paartichi argatu irratti hundaa’uun teessoo paarlaamaa argatu.

  13. Iraan ministira dhimma alaa haaraa muudde

    Ministira dhimma alaa haaraa Iraan Alii Bageerii Kaanii

    Madda suuraa, Getty Images

    Kaabineen Iraan Alii Bageerii Kaanii ministira dhimma alaa gochuun muudeera. Qondaalli kun ministira dhimma alaa itti aanaa turan.

    Erga ministirri dhimma alaa biyyattii Huseen Amir-Abdullaahiyaan balaa helikooptaraan du’anii booda Aab Alii Bageerii Kaanii muudamuu gabaasi Rooyitarsi ni mul’isa.

    Muudamni kun kan raawwatame erga qaamoleen mootummaa sadan Iraan hoji raawwachiistuu, seera baastota fi seera hiiktonni walga’anii booda.

    Pirezidantii Itti Aanaa biyyattii kan ta’an Mohammad Mokhber ammoo aangoo pirezidantummaa fudhachuuf jedhamee eegamaa jira.

    Pirezidantiin Iraan osoo aangoorra jiruu yoo du’e hanga filannoon guyyoota 50 keessatti gaggeeffamutti itti aanaatu pirezidantii ta’ee tajaajila.

    Aab Mokhber TV irratti akka dubatanitti faana Ra’iisii akka hordofan waadaa seenuun, ”qaawwi tokko osoo hin uumamin hojii pirezidaantiin tokko hojjetu ittan fufsiisa,” jedhan.

  14. Bakka helikooptarri Iraan itti kufee wayita reeffi kaafamu viidiyoodhaan

    Ibsa waa’ee viidiyoo, Watch: Iranian Red Crescent recovers bodies from Iran crash site

    Gareen hojjettootaa Waldaa Addeessa Diimaa Iraan bakka helikooptarri itti kufee wayita reeffa namootaa kaasan viidiyoodhaan mul’ataniiru.

    Qondaalli humna waraanaa Iraan helikooptarichi guutummaatti waan gubateef eenyummaa reenfaa adda baasuun rakkisaa ta’uu hime.

    Aanga’oonni mootummaa Iraan heelikooptarri kun haala qilleensaa duumessaa fi hurrii cimaan jeeqame keessa seenuun kutaa kaaba biyyattiitti kufuu ibsaniiru.

  15. Michuuwwan Iraan, Raashiyaa fi Siiriyaan, gadda ibsachaa jiru

    Ministira dhimma alaa Raashiyaa Sergee Laavroov

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sergee Laavroov Pirezidant Ra’iisii fi Ministirri Dhimma Alaa Huseen Amiir-Abdullaahiyaan ”hiriyoota dhugaa, kan biyyi keenya abdattu turan,” jedhan.

    ”Hariiroo Raashiyaa fi Iraan kan faaydiaa biyyoota lamaanii kabachiisuu danda’u uumuu keessatti ga’een isaan gumaachan akkaan olaanaadha,” jedhan.

    Biyyisaanii gadda hamaa Iraan mudate kana akka qooddattus ibsan.

    Biyyoonni lixaa Iraan diroonii Raashiyaaf ergaa turte jechuun himataa turan.

    Iraan gamasheen dirooniiwwan muraasa osoo waraanni Yukireen hin eegalin dura Raashiyaaf erguu ibsiteetti.

    Haala walfakkaatuun Pirezidantiin Siiriyaa Bashaar al-Asaadis gaddi itti dhagamuu ibsaniiru.

    ”Maatii hoogganaa Iraan du’aan boqotan fi mootummaa Rippaabilika Islaamaa Iraan akkasumas jaallan pireezidantichaa waliin gadda kana ni qooddanna,” jedhan pirezidantii al-Asaad.

    Waggoota waraanni waliinii Siiriyaa keessatti gaggeeffamaa ture hunda keessatti Iraan Pirezidanti Bashaar al-Asaad deeggaraa turte.

  16. Ra’iisiin abbaa qabsoo diddaa turan- Hizboollaa

    Gareen Iraan irraa deeggarsa jabaa qabufi kibba Libaanan keessa socho’u Hizboollaan balaa xiyyaaraan du’uu Pirezidantii Iraan Ibraahim Ra’iisiin gaddi guddaan akka itti dhagahame ibse.

    Ibsi gareen hidhataa kun baase akkas jedha: ”Hizboollaan Lebaanan keessa jiru gaddi guddaan itti dhagamuu ibsa.”

    Ibsi kun gareen Hezboollaa Ra’iisii itti dhiheenyaan akka beeku fi ”dureen Iraan kun yeroo dheeraaf deeggarsa taasisaafii akka turan” eere.

    Ra’iisiin ”dhimma keenyaaf falmaa nama turan, abbaa qabsoo warraaqsa diddaati,” jedhe ibsichi dabaluun.

    Hizboollaan garee hidhataa warra Shi’aati, siyaasaanis dhiibbaa kan uumuudha.

    Hezboollaan Lebaanan keessatti garee hidhataa akkaan humna qabuudha jedhama.

    Bara 1980oota keessa biyya Muslimoonni Shi’aa itti heddummaatan Iraaniin hundaa’e.

    Kaayyoon gareen kun hundaa’eef Israa’el dura dhaabbachuufi.

    Pirezidant Ibraahim Ra'iisii

    Madda suuraa, gett

  17. Eenyummaan namoota sadii balaa helikooptaraan du’anii dabalataan adda baafame

    Pireezidaantii Iraan Ibraahim Ra’iisii fi Ministira Dhimma Alaa Huseen Amiir-Abdollaahiyaan alatti, namoota balaa helikooptaraa kaleessa mudateen ajjeefaman tokko tokkoo amma ifoomeera.

    Dhaabbanni oduu mootummaa Iraan -IRNA akka jedhutti, helikoptara kana keessas imaama salaata jum’aa magaalaa Tabriz keessatti raawwatamu, Ayaatoolaah Mohammad Ali Al-e Hashem fi bulchaan kutaa biyyaa Iraan -Azarbaajaan Bahaa Jeneraal Malek Raahmaati turan.

    Akkasumas ajajaan kutaa eegumsa pirezidaantichaa, Saardaar Seyed Mehdi Muusaviis balaa knaan du’aniiru. Kana malees, eegdonnii fi hojjettoonni helikooptaraa hedduun hanga ammaatti maqaan isaanii hin ibsamne jiru.

  18. Miira gaddaa fi dhukkubbii waliinii – Hamas

    Pirezidant Ibraahim Ra'iisii

    Madda suuraa, Reuters

    Ammaan tana BBCn oduu du’a Pirezidaantii Iraan Ra’iisii fi Ministira Dhimma Alaa Huseen Amiir-Abdollaahiyaan irratti garee hidhattoota milishaa Filisxeem kan ta’an Hamaas irraa dhufan irratti deebii argataa jira.

    Gareen Hamaas ibsi marsariitii isaarratti baase “garechi miira gaddaa fi dhukkubbii ummata obbolaa Iraan waliin qooddateera”, akkasumas Iraan waliin “tokkummaa guutuudhaan jirra” jedha.

    Iraan, kan erga bara Warraaqsa Islaamaa [bara 1979] irraa eegalee diina Israa’el cimtuu taate, Baha Giddu Galeessaa keessatti Hamas dabalatee humnoota bakkashee ta’an maallaqaan, meeshaa waraanaa fi leenjiin deeggaruun waggootaaf ijaaraa turte.

    Garichi ibsa kanaan, namoota balaa helikooptara kanaan du’an ”garee hoggantoota Iraan ciccimoo haaromsa Iraan keessatti imala dheeraa qaban” jechuun ibse.

    Garichi akkasumas, “walta’iinsa” kaayyoo Filisxeem irratti agarsiisaniifis kabaja kenneera.

  19. Yeroo caccabaan helikooptara Iraan argamu viidiyoodhaan

    Lubbuu baraartonni Addeessa Diimaa iddoo balaan kun itti mudate bira ga’uuf rakkataa akka turan miidiyaan Iraan gabaasaa ture.

    Erga isaan bakkicha ga’anii ammoo viidiyoo kana gadhiiseera.

    Ibsa waa’ee viidiyoo, Watch: Drone footage shows Iran president crash site
  20. Amma Pirezidantiin Iraan du’uun barameera, itti aanee maaltu ta’a?

    Pirezidantii Itti Aanaa Iraan Mohammad Mokhber

    Madda suuraa, Reuters

    Heerri mootummaa Iraan wayita pirezidantiin sababa dhukkubaa, du’aa yookiin aangoorraa kaafamuutiin qaawwaan uumamuuf furmaata kaa’eera.

    Wayita akkasii pirezidantii itti aanaan kallattiin itti darbee dirqama pireezidantummaa fudhata akka heera kanaatti.

    Bu’uura kanaan Pirezidantii Itti Aanaan yeroo ammaa Mohammad Mokhber amma itti gaafatummaa fudhatu jechuudha.

    Dursaa paarlaamaa biyyattii waliin ta’uun dhimmoota waa’ee biyyattii ilaallatan irratti ni murteessu. Hanga isaan qaawwa uumame cufuun hojjetanitti Manni Murtii biyyattii ammoo filannoon pirezidantummaa guyyoota 50 dhufan keessatti akka gaggeeffamu haala mijeessa.

    Kana kan mirkaneessu ammoo hoogganaa waliigalaa biyyattiiti. Hoogganaan waliigalaa (Supreme leader) dhimma biyyattiirratti murtee dhumaa dabarsuuf nama aangoo qabuudha.

    Amma miidiyaan biyyattii Pirezidant Ibraahim Ra’iisii du’uu mirkaneesseera, kanatti aansee mootummaan Iraan filannoo akka gaggeessu beekamaadha.

    Garuu uummanni filannoo gaggeeffamurraa fedhii guddaa hin qabu, filannoo xumura irratti taasifameen miirri uummanni filannoof qabu hir’ateera.

    Wayita filannoon Ra’iisii aangootti fide gaggeeffamu, morkattoonni isaa hedduun dorgommii keessaa baafamanii turan.

    Ra’iisiin sagalee uummataa hanga barbaachisuu gadi ta’een aangoo qabatan. Lammiilee filachuu danda’an keessaa dhibbeentaa 30 qofatu filannocharratti hirmaate. Hedduun filannocharratti hirmaachuu ni didan.